Kan Kunuunsa argachaa jiru ykn kunuunsa irraa ba’ee – Jechoota barbaachisoo fi hiika isaanii

 

Kan Kunuunsa Argachaa Jiru Yoo tajaajila hawaasaatiin deeggaramtee fi hojjataa hawaasaa qabaatte ‘kan kunuunsa argachaa jiru’ yookiin ‘kan kunuunsi godhamaafi jiru’ jedhama.

Yoo kunuunsa argachaa jiratee, ati mana kunuunsa guddisaa waliin yookiin mana qoodame keessa hojjetoota furtuu si deeggaruuf achi jiran waliin jiraachuu dandeessa.

Mana maree Naannoo / Aanga’oota Naannoo Qaama mootummaa kan tajaajilaaf itti gaafatamu (wantoota akka manneen barnootaa, manneen jireenyaa, kunuunsa namoota deeggarsa barbaadaniif) biyya keessatt naannoo tokkoon tokkoon keessatti fakkeenyaf Manchester City ykn Southwark ykn Brent London keessaa).

 

Tajaajilli hawaasaa qaama mana maree naannooti.

Tajaajila Hawaasaa / Tajaajila Daa’imman Yoo ati daa’ima ykn dargaggeessa biyya kana keessatti argamuu fi kan maatii kee yookin miseensa maatii biroo si waliin jiraatuu fi si eeggatu hin qabnee taate, kutaa mana maree naannoo kee keessa argamu kan si deeggaruuf itti gaafatamumaa qabu.
Kan Kunuunsa Irraa Ba’ee Yoo umuriin kee 16 fi isaa ol ta’e fi kan kunuunsa argachaa jirtu ta’ee, hala yeroo umuriin kee 18 ga’uu jiruuf karoorsuuf deeggaramuu qabda.

Yeroo umuriin kee 18 ga’uu ati ‘kan kunuunsa irraa ba’ee’ jedhamta. Of danda’uu fi ofii keetin wantoota hedduu hoogganuudhaf caalaatti qophaa’aa ta’uun sirraa eegama garuu manni maree naannoo keetii hanga umuriin kee 25 ga’uutti si deeggaruuf dirqama qaba.

Mana jireenyaa, barnootaa fi deeggarsa biroo barbaaduun si gargaaruu qabu.

Karoora Bahiinsaa Karoorri Bahiinsaa kun qaama kunuunsa irraa ba’uu barbaachisaadha. Sanada seera qabeessa ta’etu akka ati of dande’ese jiraattu fi galmaan gahuu si gargaaruf tajaajila hawaasaa irraa deeggarsa akkamii akka argattu kan dabalatu dha.

Ati fi hojjataan hawaasaa yookiin PA’n ke yeroo umuriin kee 16 ga’uu irraa kaase Karoora Bahiinsaa kee irratti waliin hojjachuu qabdu.

Karoorri kee akka ammale siif sirrii ta’e mirkaneeffachuuf ji’a 6 hunda irra deebi’uun ilaalamu qaba.

Gargaarsa Naannoo Nama Kunuunsa Irraa Ba’eef Kuni sanada marsariitii manna maree keetii irratti argachuu dandeessu dha. Nama kunuunsa irraa ba’eef gargaarsa manni mareen kennu irratti odeeffannoo qaba. Gargaarsi akkamii akka jiru fi namooni kunuunsa irraa ba’an waan akkamii akka argachuu qaban tarreessa.
 

Kaffaltii Barumsa

 

Maallaqa ati kaffaltii imalaaf, kitaabota yookiin kaffaltii koorsii yuunivarsitii yookiin kolleejjiidhaaf kaffaluuf akka si gargaaruu iyyachuun argachuu dandeessu. Waa’ee kanaa PA kee gaafachuu qabdaa.
Kaffaltii Durgoo Manaa Bahuu / Garagaaraa maallaqa mana hundeesuuf Maallaqa tajaajila hawaasaa irraa dhufu yeroo gara mana haaraatti galtuu wantoota ati barbaaddu fakkeenyaf, meeshaa mana, firijii, jabanaa fi distiilee akka bituuf si gargaaru.
Gibiraa Mana Maree Irraa Walaba Ta’uu Gibirri mana maree yoo umuriin kee 18 ykn isaa ol ta’e yookiin mana qabaatee ykn kireeffatte maallaqa ati mana maree naannoo keetiif kaffaltu dha.

Yoo ‘gibiraa mana maree irraa walaba ta’uu’ argatte yookin immoo ‘gibiraa mana maree kaffaluu irraa walaba ta’ate’, kaffaluun sin barbaachisu jechuudha.

 

Ummata

Hojjattaa Hawaasaa Hojjattaan hawaasaa kee mana maree naannootiif hojjeta. Yeroo waan tokko barbaaddu mana maree keessatti namooni waliin haasa’uu qabdu isaani.

PA (Gorsaa Dhuunfaa) Kun akka hojjataa hawaasaati garuu namoota kunuunsa irraa ba’anifi.  Hanga ati waggaa 25 taatutti deeggarsa siif kennuu qabu yoo barbaadde yookiin si barbaachise.
Kunuunsa Guddisaa Namni tokko mana isaanii keessatti waliin jiraattu yoo kunuunsa argachaa jiraatte. Hanga umurii 18 geessutti akka maatii keetiitti hojjetu, yeroo tokko tokko ni dheerata. Siif bilcheessanii akkasumas kunuunsa siif godhu.
Hojjataa Furtuu Yoo umuriin kee 18 gadii fi dargaggeessa biroo waliin mana qoodamee keessa jiraattee sii fi dargaggotaa biroo deeggaruuf hojjattoonni furtuun ni argamu.
Hiikaa / Turjumaanaa Nama jechoota namoota afaan adda addaa dubbatan jijjiiru akka waliif galan.
Falmataa Nama mana maree keetif hin hojjenne waa’ee mirga keetii fi waan ati mana maree keetiitti hin gammanne, fknf deeggarsa ati barbaaddu argachuu yoo dhabde kan gorsaan si gargaaru.
Ogeessa Seeraa / Abukaato Namni waa’ee seeraa beeku. Yoo manni maree naannoo kee waan seerri jedhu siif hin kennine ta’e gorsaa seeraa siif kennuu fi si gargaaruu danda’u.