Godaansa fi Koolu-galtummaa – Jechoota barbaachisoo fi hiika isaanii

 

Godaansa Godaansa jechuun biyya tokko irraa gara biyya biraa jiraachuuf deemuu jechuudha.

Namoonni UK keessa godaansaa keessa hojjetan namoota gara biyya kanaa seenan waliin hojjetu.

Koolu Galtoonni Namni biyya ofii dhiisee gara biyya nageenya qabu biraa deemuun biyya biraatti mirgi baqattummaa akka kennamuf iyyatte.
Baqataa Namni tokkoo kan biyyaa bahee fi gara biyya isaaniitti deebi’uun nagaa akka hin taane waan mirkaneessaniif biyya biraa keessa akka turan kan hayamameef.
Mirga Baqattummaa Yoo mirgi baqattummaa siif kenname Waajjirri Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) akka ati baqattummaan UK keessa turtu siif eeyyame jechuudha.
Adeemsa Koolu Galtummaa Tarkaanfiin ati UK keessatti mirga baqattummaa argachuuf fudhattu.
Qorannoo Umurii Umuriin kee hangam akka ta’e mirkaneessuuf yoo waraqalee kamiyyuu (fakkeenyaf paaspoortii ykn waraqaa ragaa dhalootaa) hin qabaanne fi Waajjirri Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) yookiin hojjetaan hawaasaa kee akka ati umurii ati jettu taate hin amanin, ‘qorannoo umurii’ godhu.

Kun hojjetoota hawaasaa lama waliin walgahii tokko yookiin isaa ol godhu dabalata. umuriin kee meeqa akka ta’ee murteessuuf gaaffilee si gaafatu.

Waajjirra Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) kutaa mootummaa godaansaf itti gaafatamaa ta’e.
Ol’iyyannoo Murtoo godaansa dogoggora sitti fakkaatu yoo argatte mani murtii sirrii ta’u yookiin akka jijjiiramuu qabu murteessuu gaafachuu dandeessa. Ogeesi seeraa/abukaaton akka ati kana gootu si gargaara.
Mana murti Bakka murtiin seeraa abbaa alangaatiin itti murtaa’u.
Gaaffiif deebii Muummee (Guddaa) Gaaffiif deebii isa guddaa kan Waajjirri Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) sababa ati biyya kee keessatti nagaa itti hin taane si gaafatu fi biyya kanatti mirga baqattummaa siif kennuuf itti murteessu.
Gargaarsa Seera Kaffaluuf namoota maallaqa gahaa hin arganneef ogeesootaa seeraaf kaffaluuf maallaqa mootummaan keennamu.

 

Ummata

Abukaato Godaansa / Ogeessa Seeraa Nama waa’ee seeraa beekuu fi mirga baqattummaaf gara Waajjirri Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) iyyatuu, yookiin murtiiwwan dhiyaatan irratti ol’iyyannoo galfatuu sii gargaaruu danda’u.
Hiikaa / Turjumaanaa Nama jechoota namoota afaan adda addaa dubbatan jijjiiru akka waliif galan.
Gaheessaa sirrii taʼe Yeroo qorannoo umurii yookiin gaaffiif deebii kee isa guddaan Waajjirra Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) waliin godhamu namni tokko kan si eeguufi akka ati ofif dubbattu si gargaaru.
Abbaa alangaa Nama mana murtii keessa jiru yeroo ol’iyyannoo dhimma kee irratti murtoo kennu.
MP (Miseensa Paarlaamaa) Nama mootummaa irraa kan naannoo keessaniif itti gaafatamaa ta’e.

Gaaffiif deebii kee yookiin murtii dhimma kee irratti argachuuf yoo yeroo dheeraadhaaf eegdee ta’e MP’n kee Waajjirra Dhimmoota Nageenyaa (Home Office) dhaf akka barreessu gaafachuu dandeessa.

Ati Adeemsa kana keessatti nama baayyee barbaachisaa ta’e!